![]() Qormaata seensa Yuunivarsiitii: Barataa akkuma maqaa isaa caalee argame Aadaa Oromoo keessatti maqaan akkasumaan hin moggaafamu. Bu'aan qormaataa maal ta'inna kan jedhu gaaffiisaa akka ture kan dubbatu barataa Caalaan yeroo qabxiisaa kana interneetiirratti ilaalu hedduu gammaduusaa BBC Afaan Oromootti himeera.īilbilleefaa baga gammaddan waliin jechaa turre," jechuun miira isaa ibsa. Yeroon sun akka yeroo gammachuu guddaa turte dubbata barataan qaxalee kun. Gosoota barnootaa Fiiziksiifi Herrega kan jaallatu Caalaan firii qormaata baranaa abbaa isaa Obbo Adaanee Dheeressaa waliin ta'uun ilaale. Yeroo tokko tokko ammoo halkan gara barii saatii irratti ka'een dubbisa. Qabxii ol aanaa kana galmeessuuf yeroo itti kennee karoora baafachuun hojechuu dubbata. Magaalaa Jimmaa keessatti dhalatee kan guddate barataa Caalaa Adaane waggoota lamaan dura qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaa gosa barnoota hunda 'A' fiduun qabxii gameesisee ture.īarataan ganna 18 kun qormaata seensa dhaabbilee barnoota ol-aanoo bara kanaas akka biyyaatti fiduun tokkooffaa ba'eera. Caalaa Adaane, barataa qormaata seensa dhaabbileen barnootaa ol aanoo bara akka biyyaatti tokkoffaa ba'e.
0 Comments
Leave a Reply. |
AuthorWrite something about yourself. No need to be fancy, just an overview. ArchivesCategories |